Fatwaan ulamaa'ii yoo qur'aana faalleysite gidaaran dhawaa!
- Abu akmam
- Oct 13, 2018
- 3 min read
#Ahbaash ========================== ✍️✍️✍️Qopheeysaan Abu Akmam ------------------------------------ وَٱعۡتَصِمُواْ بِحَبۡلِ ٱللَّهِ جَمِيعٗا وَلَا تَفَرَّقُو Funyoo Rabbii tokkummaan jabeeysaa qabadhaa. (Haada Rabbiis (Qur’aana) hunda ta'aa qabadhaa; adda addas hin ba’inaa) (surah 3:103)
Rabbiin addaan hin babahinaa! niis hin qoqqoodaminaa tokko tahaa.! nuun ja'a.
Nuti wanni godhuu qabnu jecha sheekotii ifirraa dhiifnee gara Qur'aanaa fi Hadiisa sahihaa deebi'uu qabna.
wanni nuti jela deemuu qabnu Qur'aanaa fi hadiisa tahuu qaba. hadiisarraa hoo ka akkam jela deemuu qabna ree? akkuma beekamu hadiisota gosa adda addaatu jira, Hadiisa Sahiiha: kun jabaa fi qulqulluudha. Hadiisa Da'iifa: kun dadhabaadha. Hadiisa mowduu'a: kun ammoo hadiisa mala baasuun uumame. duuba nuti hadiisa kam jela demuu qabna? deebiin sahiiha taha. ======================== ↪️✍️Rabbiifi ergamaa isaatiif ajajamaa. --------------------------------- قُلۡ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَۖ فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلۡكَٰفِرِينَ *wanni isaaniin jettu; Rabbiifi ergamaa isaa dhagayaa! karaa isaa qabadhaa, yoo karaa Rabbiifi rasuulaarraa gara galtan Rabbiin nama isatti kafare hin jaalatu. (surah 3:33)
تِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۚ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ يُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ Isheen kun daangawwan Rabbiiti namni Rabbiifi ergamaa isaatiif ajajame jannatoota jala ishee laggeen yaatu keessatti hafoo ta'anii isaan seensisa Kun milkii guddaadha. (4:13)
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَأُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنكُمۡۖ Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa. (4:59)
مَّن يُطِعِ ٱلرَّسُولَ فَقَدۡ أَطَاعَ ٱللَّهَۖ وَمَن تَوَلَّىٰ فَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ حَفِيظٗا Namni rasuula Rabbii dhagayu, dhugumaan waan rabbiin ja'u dhagaye Nama gara gale immoo isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine. (4:80)
وَأَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَٱحۡذَرُواْۚ فَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّمَا عَلَىٰ رَسُولِنَا ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ Rabbiif ajajamaa ergamaafis ajajamaa (Wantoota dhorgaman kanneen irraa) eeggadhaa Yoo irraa gara galtan immoo dhugumatti ergamaa keenya irra karaa ifa ta’een (ergaa keenya) geessuu malee wanti biraa akka hin jirre beekaa. (5:92) ===================== ↪️✍️Firqaa uumuun dhoorka ----------------------------- Rabbiin firqaa hin uuminaa funyoo rabbii jeabeeysaa qabadhaa ja'a.
إِنَّ ٱلَّذِينَ فَرَّقُواْ دِينَهُمۡ وَكَانُواْ شِيَعٗا لَّسۡتَ مِنۡهُمۡ فِي شَيۡءٍۚ إِنَّمَآ أَمۡرُهُمۡ إِلَى ٱللَّهِ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ Dhugumatti, warri amantii isaanii qoqqoodaniifi garee garee ta'an, ati waan tokko keessattillee isaan irraayii miti Dhimmi isaanii gara Rabbiiti, ergasii inni waan isaan dalagaa turan (hunda) isaanitti hima. (6:159)
Rabbiin warra firqaa uumu wajiinillee hin tahinaa nuun ja'a. مِنَ ٱلَّذِينَ فَرَّقُواْ دِينَهُمۡ وَكَانُواْ شِيَعٗاۖ كُلُّ حِزۡبِۢ بِمَا لَدَيۡهِمۡ فَرِحُونَ Isaan amantii isaanii gargar qoqqoodaniifi garee garee ta’an irraas (hin ta’inaa)Gareen hunduu waan isaan bira jirutti gammadu. (30:32)
Warra amantii addaan cicciru irraa tahuu hin qabnu. فَتَقَطَّعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ زُبُرٗاۖ كُلُّ حِزۡبِۢ بِمَا لَدَيۡهِمۡ فَرِحُونَ Amantii isaaniis gidduu isaanitti addaan cicciratan gareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu. (surah Mu'minuun 53) ___________________________ ↪️✍️Gabaabumatti firqaa uumuun dhoorkaadha.
وَمَنۡ أَحۡسَنُ قَوۡلٗا مِّمَّن دَعَآ إِلَى ٱللَّهِ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ Nama gara Rabbiitti waameefi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu? (surah Fussilat 33) ==================== Fatwaan ulaamaa'ii yoo Qur'aana faalleeysite gidaaraan dhawaa! --------------------------- Wanni nuti godhuu qabnu, yoo fatwaan ulamaa'ii nuti hordofnuu qur'aanaa fi hadiisa sahiiha kan faalleeysitu taate fatwaa ulamaa'ii kanaa gidaaraan dhahuu qabna.
Fkn... Rabbiin ija qaba ija isaan malttu: إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ سَمِيعَۢا بَصِيرٗا Rabbiin akkaan dhagayaa, akkaan argaa ta'e. (4:58)
Sheekni kiyya yoo aayata kana faalleeysee Rabbiin hin argu kan ja'u tehe yeroo kana fatwaa isaa tana gidaaraan dhahuun qaba, ulamaa'ii fedhes tahu fatwaan isaa yoo qur'aana fi hadiisa sahiiha kan faalleysitu tehe fatwaa isaa gidaaran dhahuun dirqama taha.
ummata ahbaashiin wanniin ja'u, yaada sheeotii teeysanii gidaaran dhawaa gara quraanaa deebi'aa.
✍️✍️✍️....Qophii Abu Akmam
Comments