Yesus hin fannifamne
- Abu akmam
- Sep 3, 2018
- 2 min read
Updated: Oct 13, 2018

================= Abu Akmam
✅☑️yesus akka hin fannifamin kan dubbatu ana osoo hin taane, macaafuma jerri ittiin dhaadattuudha.
▶️yohannis 7:32 Fariisonni, yommuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa gunguman dhagaʼan; dura buutonni lubootaa fi Fariisonni isa qabsiisuuf eegdota mana qulqullummaa ergan. 33 Achiis Yesuus akkana jedhe: “Gara isa na erge Sanaa deemuu koo dura yeroo xinnoodhaaf isinii wajjin nan tura. 34 isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
qabxii xiinxalamuu qabdu:
1. Gara isa na erge sanaa deemuu koo dura yeroo xinnoodhaaf isinii wajjin nan tura. 2. isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; 3. bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
▶️yesus gara isa na erge sanaan deema ja'e malee, nan fannifama hin jenne. inni ergamaa Rabbii waan teheef Rabbiin ergamaa isaa harka adawwii isaatti hin gatu. ▶️yahuudonni isa ajjeesuuf isa barbaadaniis isa argachuu hin dandeenye. sababni isaas, Rabbiin yesus gara samii ol baase waan teheef. ▶️yahiidonni yesus ajjeesuuf bakka inni jirullee dhaquu hin dandeenye; sababni isaan ilma namaa waan tahaniifi, ilmi namaa gara samii ol bahuu hin dandahu yoo rabbiin malaykaa itti ergee ol baase malee. yesusilleen dandeeytii isaatiin gara samii hin baane, Rabbiitu malaykaa itti ergee ol baase malee.
🔜namoonni tokko tokko yesus qabuuf yaalanillee, yaaliin isaanii hin milkooyneef. kan kana dubbatees macaafuma jeraati.
yohannis 7:44 isaan keessaa tokko tokko isa qabuu kan barbaadan taʼus, namni tokko illee isa hin qabne.
Qur'aannilleen akka yesus hin ajjeefamin dubbatee jira. وَقَوۡلِهِمۡ إِنَّا قَتَلۡنَا ٱلۡمَسِيحَ عِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمۡۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينَۢا Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne. (4:157)
بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيۡهِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e. (4:158)
qabxiin surah 4:158) irratti dubbatamte tuniifi tan wangeela yohannis 7:33 irraa wal fakkaati. yesus gara isa isa erge sanaa deeme malee hin fannifamne. itti fal fakkeeyfame malee.
Comments