Yesuus hordofuu jechuun maal jechuudha?
- Abu akmam
- Aug 4, 2020
- 2 min read
Yesuus hordofuu jechuun isa jela deemu fi barumsa inni barsiise hordofuudha. Duuba ummanni kiristaanaa Yesus hordofaa jiranii?
Kiristaanonni yesus hordofna ja'a, garuu ka isaan hordofan yesus osoo hin taane Phaawloosi, sababni isaas kan yesus gooftadha ja'ee barsiise phaawlosi malee yesus an waaqa ifiin hin jinne.

Yesus kan barsiisaa ture akka waaqa tokko gabbaraniifi waaqni tokko malee akka hin jirreedha.⤵️👇
Yesus Deebisee, “Inni Hundumaa irra caalu, yaa Israa’el! Goftichi Waaqayo keenya kophaa isaa Gooftaadha.” (Wangeela Maarqos 12:29》
seera keessa deebii 6:4 yaa israa’el! dhaga’i! waaqayyo gooftaan keenya waaqayyo isa tokkicha.
Qabxii lameen tanarraa waaqni tokko qofa akka taheefi yesus waaqa akkan tahin hubanna. Yesus silaa waaqa tahe anatu waaqa keeysani ja'a malee waaqa biraa akka qabu hin barsiisu ture. ----------------- Yesus barattoota isaatiin na hordofaa yoo na hordoftan malee gannata hin seentan ja'ee barsiisaa ture.⤵️
Yesuusis akkana jedheen: “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu. (Yohannis 14:6)
Yesus yeroo akkana ja'u kana na hordofaa jechaa jira, yoo yesus hin hordofne jannata seenuu hin dandahan ture ummanni inni yeroo san itti ergame. "Ani karaadha" jechuun isaa kara gara jannataa ittiin dhaqan jechuudha malee karaa namni miilan irra demeu jechuu miti. Nabiyyoonni hundi karaa fi jireenya.
Fakkenyaa: ummanni nabi Muusaan itti ergame yoo Muusatti amanan malee jannata seenuu hin dandahan, ummata itti ergame saniif Muusaan karaafi jireenya jechu.
Yesus ummanni akka isa hordofan barsiise malee akka isa waaqeysan hin barsiifne.
Maatewos 6:6 ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksatti argus gatii kee siif in kenna.
Yesus yoo waaqa tehe maaf akka waaqa biraa kadhatan ajaja, maliif na kadhu hin ja'iniin?
luqas 11;1 yesus iddoo tokkotti in kadhata ture, kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, “yaa gooftaa, yohannis bartoota isaa akkuma barsiise, kadhachuu nu barsiisi!” jedheen. he was praying
Kanaafu warri yesus waaqa jettan yoo kitaaba keeysanitti kan amantan taatan gara dhugaa deebi'aa. ______________________ Yesus ergamaan biraa isa boodaan dhufuus dubbatee jira, ergamaa isa boodan dhufutti akka amanan ummata isaa barsiise.
Yohaannis 14:16} Ani Abbaa nan kadhadha; Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf gargaaraa*kan biraa isiniif ni kenna;
Yohaannis 16:7} Taʼus, dhuguman isiniin jedha, ani deemuun koo isiniif faayidaa qaba. Sababiin isaas, ani yoon deeme malee gargaaraan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa gara keessanitti nan erga.
Qabxiin lameen tun ergamuu nabi Muhammed sirritti ifa goote jirti. Yesus booda kan ergame nabi Muhammed qofa isa boodas kan ergame hin jiru, kanaaf nuti yesus ergamaa rabbii tahuu isaa waan amannuuf waan barsiisettis waan amannuuf ajaja isaa fudhannee nabi Muhammeditti amanne. kiristaaninnis yoo waan yesus barsiisetti ka amanan tahe ergamaa yesus dubbate kanatti amanuu qaban inniniis Nabi Muhammedi.
Nagayaafi rahmanni nabiyyii keenyarratti haa jiraatu.💖💕💖
Like share💕😍💖
Opmerkingen