Iyyessus waaqa erga tehe waaqa kamiif sagada?
- Abu akmam
- Oct 13, 2018
- 1 min read
======================= luqas 5:16 inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirree jalaa sokke. waaqni ni kadhata mo ni kadhatama? -------------------------------- halkan guutuu waaqa kadhachaa bule
luqas 6:12 yeroo sanatti yesus gara gaaraatti ol ba`ee achitti halkan guutuu waaqayyoon kadhachaa bule. prayer to god. Gaafii: waaqni inni sagaduuf kun kami? erga yesus waaqa jettan, waaqni inni kadhatu hoo eeysaa bahe ree? _________________________________ jerri kiristaanaa kun dhuguma yesusitti amanan osoo tehee silaa muslima tahan ture. garuu isaan yesusitti hin amanan, ka isaan itti amanan namicha jallataa jallisaa Phaawulos ja'amu, ka nama jallisee fixe.
Phaawulos jechuun namicha gowwaa ifiif gowwoomee nama gowwoomsuuf yaalu tokko, garuu ummanni namicha gowwaa kanaaf akkamitti akka gowwooman nama ajaa'iba.
phaawlos akka gowwaa tehe kitaaba isaa keeysatti katabee jira.
2 qorontoos 11; 17 Wantan amma dubbachaa jiru kana ofitti amanamee boonuudhaan akka nama gowwaatti nan dubbadha malee fakkeenya Gooftaa hordofeen dubbadha miti.
phaawlos gowwaadha isinillee gowwoomsee jira. wanni inni dubbatuus waan kijibaati, inninuu ragaa ifitti bahee jira, phaawlos ifiifuu ajaja waaqaa hin hordofu waanuma sammuun isaa isa ajajje hojjata malee.
phaawulos akka gara ibiddaa isin yaamaa jiru yesus ragaa bahee jira, qabxii tana yeroo biraa waliin ilaalla.
Comments