top of page

Ergamuu Nabi Muhammed Macaafni isaayyaas 42 sirritti ifa baasee dubbatee jira.

Updated: Feb 16, 2021



Maqaa Rabbii akkaan mararfataa fi gabroottan isaatiif rahmata godhaa taheetiin, nagayaafi rahmanni ergamaa aalamaa irratti haa jiraatu.

Qabxii kiyya ta arraa tana keeysatti waa'ee dhufiinsa nabi muhammed macaafa isaayyaas raajichaa lakkofsa 42 irraa ragaa dhokataa hin tahin ka nama hundaafu ifa jiru waliin laalla.

isaayyaas 42:1 Waaqayyo itti fufee, "Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana! Ani hafuura koo isaaf kenneera, inni firdii qajeelaa saba lafa irraatiif in baasa;

Asitti nabi muhammed maqaa sadihiin ibsame: 1. "Gabrichi koo" jecha kana gara afaan arabaa yoo jijjiirre "Abdullaah" jechu. kun maqaa nabi muhammedi.


2. "inni ani fo'adhe" jechi kun gara afaan arabaa yoo jijjiirre "Musxafaa" jechuudha. Kuniis maqaa nabi muhammedi.

3. "inni ani jaaladhu" jecha kana gara afaan arabaa yoo jijjiirre "Habiibullaah" jechuudha, nabi muhammed jaalallee rabbii tahuun beekamaadha.

Macaafni isaayaas kun iddoo nabi muhammed itti dhalateefi gara madiinaa godaanuu isaatiis ibsee jira.⤵️👇

isaayaas 42:11 Lafti onaa fi mandaroonni achi keessa jiran, warri Qedaar keessa jiraatanis sagalee isaanii ol haa fudhatan! Warri mandara Selaa keessa jiraatan gammadanii haa faarfatan, warri gubbee tulluu irra jiraatanis haa ililchan!

"Warri mandara SELAA keessa jiraatan gammadanii haa faarfatan" jechuun magaalaa madiinaa dubbatee jira. "SELAA" jechuun madiinaadha. akkuma beekamu warri madiinaa yeroo nabi muhammed gara madiinaa dhufan faarfachaati isaan simatan.


QEDAAR jechuun biyya arabaa akka taate macaafni hisqeel raajichaa ifa godhee jira.⤵️👇

Hisqi'eel 27:21 Warri Arabaa fi gurguddoonni warra Qedaar hundinuu, xobbaallaa, korbeeyyii hoolaa fi re'ootaa sitti gurgurachaa turan.


isaayaas 42:10 Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Galata isaas hamma andaara lafaatti himaa! Warri galaana irra adeemtanii fi warri isa keessa jiraattan hundinuu, biyyi galaana gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundinuu isa galateeffadhaa!

??? FAARFANNAA HAARAADHAN waaqayyoon faarfadhaa jechuun maal jechu? 👇⤵️⤵️

"FAARFANNAA HAARAA" jechuun shari'aa yookaa karaa haaraya jechu. Akkuma waliin beeynu nabi Muhammed shari'aa haarayaan dhufe malee shari'aa ergamoota isa dubraniitiin nuttin dhufne. Kana jechuun Rabbiin nabi Muhammed ergee fi ka ergamoota isa duraa erge garagara jechuu miti. Shari'aan ummata dabreetiifi Shari'aan ummata Muhammed garagara jechu. Garuu toowhida keeysatti wanni wal dhabu hin jiru, ergamoonni hundi rabbii tokkicha gabbaraa jechuun ergaman. Bakki itti wal dhaban, akkaataa shari'aa itti gaggeeyfatan keeysatti. Fakkenyaaf salaata keeysatti wal dhaban, ummanni dabre salaata masjiida / mana sagadaatti malee salaatuu hin dandahan, garuu nuti masjiida alattis salaatu ni dandeenya.

Faallaa kanaatiin ammoo ergamoonni nabi Muhammed dura ergaman hundi shari'aa nabi Muusaatiin bulaa turan. warri muusaa booda ergame jechu kiyya. Yesuusilleen faarfannaa haarayaan hin dhufne, shari'aa nabi Muusaatti ummata hojjachiisuuf ergame.

WANGEELA MAATEWOS 5:17 “Ani Seericha yookiin barumsa Raajotaa diiguu kanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani diiguuf utuu hin taʼin raawwachuufan dhufe. Yesus seera isa duraa raawwachuuf dhufe- yesus faarfannaa haarayaan waaqa hin faarfanne, faarfannaa muuseetiin faarfaachaa ture. HOJII ERGAMTOOTAA 15:21 itti dabaluun laallachu dandeeysan ragaa dabalataatif.

--------------------- Nabi Muhammed ergamaa adunyaa guutuu tahuus macaafni kun sirritti ibsee jira.

isaayaas 42:6 Ani Waaqayyoo dha, ani qajeelummaadhaan si waameera, ani harka sin qaba, sin eegas; saba ani kakuu galeefiif, saba lafa irraatiifis ifa akka taatuuf si kenneera;

SABA LAFA IRRAATIIFIS ifa akka taatuuf si kenneera. SABA lafa irraa guutuuf ka ergame nabi muhammed malee hin jiru. Yesus kan ergame ummata israa'el qofaafi. 👇⤵️

MAATEWOS 15:24 Innis deebisee, “Ani kanan ergame hoolota mana Israaʼelii badaniif malee eenyuuf iyyuu miti” jedhe.

Yesus kan je'e, an ummata israa'eliif malee nam tokkoofu hin ergamne ja'e.

Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergineGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu. (Quran 34:28)

NABI MUHAMMED ummata ergamaan tokkolleen ittin ergaminitti ergamuu isaas macaafni isaayaas ifa godhee dubbatee jira.

isaayaas 42:16 Warra jaamota garuu karaa isaan hin beekne irra, daandii dur irra ba'anii hin beekne irras isaan nan geessa; dukkana ifatti isaaniif nan jijjiira, iddoo jajal'aas wal nan qixxeessaaf; ani kana isaaniif nan godha, deebi'ees isaan hin gatu;

WARRA JAAMOTA jechuun ummata kami? warri jaamonni ummata arabaa ture, osoo nabi Muhammed hin ergamin dura ummata wallaaltota fi jaamota turan.

ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame) (quran 32:3)

Ergamaan asitti dubbatame kun yesus tahuu hin dandahu, sababni isaas; yesus ka ergame ummata israa'elitti, duuba ummata israa'el ergamoota hedduutu itti ergame kaa.

Like share godhuun ummata biraan naaf gahaa💕🥰💖 Dogongorri yoo jiraate na sirreeysaa, ilmi namaa dogingorarraa qulqulluu tahuu hin dandahu.

 
 
 

Comments


@2018 by Abu akmam. /Moha

bottom of page