top of page

Muujizaa Qur'aanaa. Gizee dubbifte share godhi!

Updated: Sep 15, 2019

========= بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ Maqaa Rabbii akkaan mararfataa, akkaan raahmata godhaa taheetiin. nagayaafi raahmanni rabbii ergamaa haqaa nabiyyii keenya Mohammed ibnu Abdullaah ibnu Abdul muxxalib irratti haa jiraatu.

#Qabxii 1ffaa↩️⤵️

Qur'aanni kabajamaan jecha Rabbii tahuuf wanni isa keeysa jiruuhu ragaadha. Qur'aana keeysatti kijibni duraafi duubaniis itti hin dhufne.

(Qur'aana surah fussilat 41:42) Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu (Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.

Kana jechuun Qur'aana kana keeysatti sobni tokko hin argamu. akkasuma Rabbi biraa buufamuu isaatiifiis ragaa gahaadha.

Haa ta’u malee, qajeelfama Kiristaanotaa kan ta’e Macaafni Qulqulluun dogongora akka qabu, afaan kiristaanotaatiinuu kan dubbate akka armaan gadiitti dubbifna.⤵️

Dhugumatti, Macaafni Qulqulluun harkaan kan gara galfame yeroo waggoota 3,000 keessatti dogongoroota osoo hin yaadamin kitaaba keessa seenan Macaafa keessaa qulqulleessuuf waggoota 100n darbaniitti baay’ee ciminnaan hojjatameera." ************************************

#Qabxii 2ffaa⤵️........(Waa'ee Ulfa garaa-) ----------------------------- (Qur'aana 23:12-14) Dhugumatti abbaa namaa Aadam gosa biyyee hedduu kan bordoda godhamerraa uumnee jirra. Sana booda maniyyii (bishaan) kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne. Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!

Argamtii qorannoo Imbiriyoolojii (waa’ee ulfaa) hamayyaa wajjiin guutummaan guututti tokko ta’ee argamee jira. Mirkaneeffamtiillee argatee jira. ***************************************

#Qabxii 3ffaa.....Wa'ee gaarrenii (Qur'aana 78:7 وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادٗا Gaarreenis shikaala [hin goonee]? goone jechu. (akka saayinsiin ja'uttiis gaarri shekaala dachiiti, dachii keeysa gad fagaata.

(Qur'aan 16:15) وَأَلۡقَىٰ فِي ٱلۡأَرۡضِ رَوَٰسِيَ أَن تَمِيدَ بِكُمۡ وَأَنۡهَٰرٗا وَسُبُلٗا لَّعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ Gaarreenis akka isiniin hin sochooneef dachii keessatti godhe laggeeniifi karaalees akka qajeeltaniif (godhe).

(Argamtii Ji’olojii Hamayyaatiin walsimata.)

#Qabxii 4ffaa......Akkaataa roobni itti roobu. ---------------------- (Qur'aana 24:43) Sila Allaahn duumessa oofee, ergasii gidduu isaa walitti qabee, ergasii tuulamaa isa taasisuu hin arginee? Sana booda bokkaa gidduu isaatii kan ba’u argita akkasumas samii irraa gaara ishee keessatti ta’e kan cabbii irraa ta’e irraa (cabbii) buuseeti, nama fedheen tuqee, nama fedhe irraas isa deebisa ifti hangaasuu isaa ija balleessutti dhihaata.

(Argamtii Meteroolojii wajjiin walisimata)]

#Qabxii 5ffaa......waa'ee Big Bang (Qur'aana 21:30) أَوَ لَمۡ يَرَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَنَّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ كَانَتَا رَتۡقٗا فَفَتَقۡنَٰهُمَاۖ وَجَعَلۡنَا مِنَ ٱلۡمَآءِ كُلَّ شَيۡءٍ حَيٍّۚ أَفَلَا يُؤۡمِنُونَ Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumne sila hin amananuu?

*(Nikuleer Fiiziksii fi Baayoolojii wajjiin walisimata)

Namoonni sammuun isaanii boodatti haftuu wanni ja'an, inumaa hin qaanfatanii bar, Qur'aanni gara galchaa (copy) macaafa qulqulluuti ja'u. dhugaa mee gaafii tana isaan haa gaafannuu! erga qur'aanni gara galchaa macaafa keeysanii tahe, argamoonni saayinsii kunniin Macaafa Qulqulluu keessaa iddoo kamii fudhataman? iddoo kamitti argama? *************************

#Qabxii 6ffaa.......wa'ee hawaa, (universe) Akka qorannoo saayinsii waa'ee hawaa qoratuutti, waan akka Aaraa fakkaatu malee hawaa wanni ja'amu hin jirtu turte. (Gaasii hedduu walitti maxxanfame ykn Aara furdate fakkaata. Qur'aanniis akkanuma ja'a.

(Qur'aana 41:11) ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰٓ إِلَى ٱلسَّمَآءِ وَهِيَ دُخَانٞ فَقَالَ لَهَا وَلِلۡأَرۡضِ ٱئۡتِيَا طَوۡعًا أَوۡ كَرۡهٗا قَالَتَآ أَتَيۡنَا طَآئِعِينَ Ergasii haala isheen (samiin) aara taatee jirtuun samii ol ta’e, isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedhe isaanis “jaalannee dhufne” jedhan.

Faallaa kanaa immoo macaafni jeraa waan kanarraa zeeroodha. -------------------

#Qabxii 7ffaa......Qur'aana waa'ee sammuu Akka Saayinsiin ammayyaa barsiisutti, kaka'uumsa waa karoorsuufi hujiif kaka'uun namaa sammuu gama duraa keeysatti taati. akkasuma durri sammuu kun jiddu gala dallansuufi Aariin itti oomishamuudha. Qur'aannis akkana ja'a.

(Qur'aana 96:15-16) كَلَّا لَئِن لَّمۡ يَنتَهِ لَنَسۡفَعَۢا بِٱلنَّاصِيَةِ Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna. Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna). 16 *********************************

Qabxii kiyya arraaf asumattiin dhaaba, yoo rabbiin ja'e qabxii waa'ee dukkana baharaa fi gad fageenya isaa irraa waliin ilaalla Rabbiin umrii teenya keeysa barakaa nuuuf haa kaayu.

Qabxii tana share godhuun namoota hedduu biraan gahi. share godhuun gahee kee bahi.

 
 
 

Comments


@2018 by Abu akmam. /Moha

bottom of page