Tana quba qabduu? macaafaa / Bible fii jerri kiristaanaa akka wal faalleeysan beeytuu?
- Abu akmam
- Nov 25, 2018
- 1 min read
Updated: Sep 15, 2019
====================== ↪️Akka jerri kiristaanaa ja'anitti, yesus waa hunda dandahaadha. akka macaafni ja'utti immoo faallaa kanaa yesus homa takka hin dandahu.
➡️Yohannis 5:30 Ani ofii kootiin kakaʼee wanta tokko illee gochuu hin dandaʼu.
➡️[Luqaas 11:20》 ani humna waaqayyootiin hafuurota hamaa nin baasa.
《 Maatewoos 12:28》 ani hafuura rabbiitiniin sheeyxaana baasa.
Akka qabxiilee kanneenirraa hubannutti, yesus dandeeytii takkallee hin qabu, inumaa humna rabbiitiiniin hafuura hamaa baasa jechaa jira. ------------------------------
↪️Jerri kiristaanaa maqaa yesusiin namni du'e ni ka'a, ijji jaamaaniis ni fayyiti, seeyxaannis maqaa yesusiin ni baha ja'anii waa hedduu odeeysu. Faallaa kanaatiin macaafni akki ja'u, sheeyxaanaafi jaamaanis kan fayyitu maqaa yesusiin odoo hin taane dandeeytii rabbiitiin fayya ja'a.
➡️《 Maatewoos 12:28》 ani hafuura rabbiitiniin sheeyxaana baasa.
Asirratti macaafaatu dogongore moo jera kiristaanaatu dogongore? ********************************
Akka jerri kristaanaa ja'anitti yesus gooftaadha. Faallaa kanaa immoo macaafni yesus nama ja'a.
➡️Yohannis 8:40 ani dhugicha isaan waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera, isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu.
mee jera kiristaanaa gaafii tana gaafadhu! waaqni nama ni tahaa? Deebiin isaa waaqni nama hin tahu ka ja'u taha, duuba yesus namaa akkamitti waaqa tehe ja'iin! deebiin isaa yesus foon uffatee dhufe, yeroo biyya lafaa irra jiru sanitti nama ture, erga gama samii ol fudhatame waaqa tehe siin ja'u. Mee laalaa dubbiin tun hangam takka akka soba taate, macaafnilleen dubbii tanaan soba ja'a, waaqni nama hin tahu, namniniis waaqa hin tahu. ***********************************
Qabxiilee akkanaa tana lakkoofneetu hin fixnu, garuu beekaatumaan asitti isinirraa gabaabadhe. gizee dubbifte share godhuu hin dagatin.
Comments