top of page

mee waan ajaa'ibaa waliin ilaalluu◀ ®Yeroo dubbifte share godhi}

Updated: Aug 4, 2020

Waaqni isaayyaas raajichaan akkana ja'e ↪⏩2 dhaqii uffata kee ifirraa baasi. Kophee kees baasi. Inniis akkuma itti himame san godhe. Uffata of irraa ni baase miila qullaas ni deeme. 3 waaqayyo ammaas dubbatee isaayyaas gabrichi koo uffata of irraa fuudhee kophees miila isaatii baasee waggaa sadi adeemaa ture. Milikkitaa fii dinqii wanta biyya Gibxii fii biyya Ethiopia irratti ta'uuf jiru akka ta'e. Kana Kan argannu macaafa isaayyaas 20:2-3) irraahi

↪⏩Waaqumaatu qullaa akka deemtuuf si ajajaa?

Dhugaa kun kitaabuma amantaati mo kitaaba seenaati?

Ergamaan Rabbii biyya keeysa qullaa adeeme jechuun salphina guddaadha.


Rabbiin keenya akkana ja'a Sura Al-A'raaf 7:28 Rabbiin waan fokkotatti hin ajaju sila isin waan hin beeyne Rabbi irratti odeeysituu?


↪Waaqni fuulatti dhoqqee namaaf diba 😒 Macaafa milkiyaas 2:3 waaqayyo akkana ja'a ▶Ani fuula keessan dhoqqee {udaan} nan diba😉 mee laalaa waaqumaatu samii gad bu'ee dhoqqee {udaan} fuulatti nama dibaa? Kitaabni kun waaqaaf kabajaa hin kennu. Kijiba waaqarra kaaye. Inumaa dhoqqee oso hin tahin udaan fuulatti nama diba kitaaba afaan oromo irratti iddoo udaan jettu san haqaniiti dhoqqee bakka buusan. Udaan fuulatti nama diba jechu😉😉😆

Wanni kitaabni kun nama barsiisu inumaa waanuma ajooytuudha

Namni udaan yookaa dikee akka nyaatu dhageeysee beeytaa? An kan na ajaaibu ummatuma kitaaba kanatti amanu, sila jerri pheenxee kun amma udaan nyaachaa jiranii? yoo nyaachaa hin jiraanne akka udaan nyaatan isaan afeerrra gaa

Macaafa hisqi'eel 4:12 ati maxinoo garbuu ija namaa duratti dikee bobbaa namaa bobeessii ittiin tolfadhuutii nyaadhu. Kitaaba afaan Engliffaatiin barraahe irra laalladhu kan afaan oromoo jijjiiranii waan teheef. Kan afaan biroo irra jiru irraa yoo laallu akkana ja'a😒 udaan oowwaa nyaata {Dung}

Waaqa kamtu ergamaa isaatiin udaan yookaa dikee nyaadhu ja'ee ajaja? jera pheenxee udaan afeeraa mee haa nyaatanii. kitaaba isaaniitu ajajaa mii

Ammaas waaqni akkana ja'a. Seera lewwootaa 26:18 kanuma irratti iyyuu isin yoo anaaf dhaga'uu dhabaattan, sababii cubbuu keeysaniif harka torba itti naannessee isin nan adaba. 23 wanta kanaaniis gara kootti deebi'uu diddanii yoo anaan ciggaaddan. 24 aniis immoo adeemsa kootiin isiniin nan morma: ani sababii cubbuu keessaniif harka torba itti naannessee isin nan rukuta. 28 ani aariidhaan isiniin mormuuf isinitti nan dhufa, ani sababii cubbuu keessaniif harka torba itti naannessee isin nan adaba.

Waaqni nama miidha jechuudha kaa akka barumsa kitaaba kanaattti

Rabbiin keenya naman miidhu yoo ati cubbuu takka hojjette cubbuma takkittii san galata isii siif kenna yoo fedhe cubbuma sanuu siif dhiisa.

Quraana 4:40 Dhugumatti Rabbiin hanga madaala atomii tokko hin miidhu. Yoo dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa, mindaa guddaa isa biraa ta'es (dabalaan) ni kenna.

Quraana 28:84 namni gaarii dalage waan san irra caaltu isaaf jira, namni hamtuun dhufees fakkii ishee argata, Warri hojii gadhee hojjetan waan hojjataa turan malee hin mindeeffamanu.

Rabbiin waan gaarii ati hojjetterratti dachaa godhee siif kafala yoo ati hamtuu hojjette dachaa sittin godhu takkittuma san siif kafala malee.

Akka kitaabni jera kiristaana barsiisutti yoo ati cubbuu takka hojjette dachaa torba godhee si qixaaxa. 😉😆😎😒😑😐😐

Mee ajaaiba kana laali Waaqni akka nama gowwoomsu dhageeysee beeytaa?

Macaafa ermiyaas 20:7 yaa waaqayyo ati na gowwoomsite, aniis nan gowwoonfame.

Waaqni nama gowwoomsa jechuun dubbii nama dhibdu 😆

Warri salphina kana cufa baa'ateetuma oso waan isa keeysa jiru hin beeyne deemu naman gaddisiisaanii? 😐

#share godhuun dirqama kee bakkaan gahi

 
 
 

Kommentare


@2018 by Abu akmam. /Moha

bottom of page